Image coming soon

Qeerroo Fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo : Qeerroo: Caya Bilisummaa Oromoo

CreateSpace Independent Publishing Platform
SKU:
9781720873877
|
ISBN13:
9781720873877
$30.44
(No reviews yet)
Condition:
New
Usually Ships in 24hrs
Current Stock:
Estimated Delivery by: | Fastest delivery by:
Adding to cart… The item has been added
Buy ebook
Wanti Rabbi nu uumeef bilisaan lafa kanarra jiraannee, irratti horree bullee, dhalannee dhalchinee bilisummaadhaan bakkaa fi daangaa fedhe keessatti sodaa tokko malee akka jiraannuuf ture. Rabbi ilma namaa tokkollee gabrummaa keessatti hin uumne, hundumaayyuu bilisa taasisee daandii qajeelaa irratti uume. Haa tahu malee ilmaan Oromoo dachii irratti dhalate irratti mirga Rabbi isaaf kenne kana sarbamee jiruu fi jireenya bacancaraa keessa erga seenee jarraa tokkoo ol lakkoofsisee jira. Rakkoon hammaataa dhufuu malee yeroon itti kana wayya jedhamu erga dhibee yoo xinnaate jarraa tokkoof walakkaa yoo tahes rakkoon inni ammaa garuu kan yeroo maraa caalaa hamaadha. Mootummaan nama dhiibu biyya lafa kana keessa eessayyuu akka jiru beekamaadha, garuu yoo yartuun/xinnoon nama dhiibdu baayyee nama dhukkubsa. Empaayera Itoophiyaa keessatti saboottan jiraatan keessaa chaappaa gabrummaa dugdatti nu dhahee qalama diimaa addatti kan nu dibe saba Amaaraa yommuu tahu; warri kaan takkaa gargaarsaan bira dhaabbachaa takkaammoo faayiduma ofii qofa kabachiifataa yoo turanis, hundaa olitti qaamaa -qalbiin laamshoftuu kan taste ummatni Tigiree "Daana'oo" qabsoo ummata Oromoo taatee argamte. Lafa irratti dhalannee guddanne, sababa roorroo irraan kan ka'e, qonnee irraa nyaannee, horree irra yaafnee bilisoomnee jiraachuu dhiisii irra buluun hafee irratti awwaalamuuf eeyyama Abbaa irree eeggachuun dirqama tahee argame. Bakki silaa irratti rakkatanii rakkoo bahantu, kan badadanii badaa deebifatantu kan irratti xawunnaachee tahan tahe; kan qotanii guboo irraa nyaatantu kan irratti ciisii tahan tahe, ofiifuu akkaataa dhabee, qoree uffatee irra ijjachuu nu dhorkee, irra deemuu fi irraa deemuun nu harkaa wal dhahe; ofiifuu rakkoo nutti tahee argame. Kanaaf carraan ilmaan Oromoo hedduu hibboo hiika hin qabne tahaa waan dhufeef, karaan baqattummaa tahee argame. Baqatummaan haanquu dhuguu caalaa hadhoofti; garuu biyya ofii jiraachuun kana caalaa waan hammaateef, ilmaan keenya kaan afaan rasaasaatiif of kennaa, kaan hongee sahaaraatii fi bishaan bahaaraatti of kennanii hammi Rabbi lubbuu isaanii tikse qofti carraa baqatummaa gonfatanii gara rakkoo itti aanuutti darbu. Isaanuma kanagaa warreen of duuba deebi'anii warra gaafa jalqabaa biyyatti hafnaan sarootni wayyaanee maraatte sun jireenya dhorkiteef karaa hundaan tumsuufii eegalani.


  • | Author: Mohammed Abafogi
  • | Publisher: Createspace Independent Publishing Platform
  • | Publication Date: Apr 15, 2018
  • | Number of Pages: 256 pages
  • | Language: Oromo
  • | Binding: Paperback
  • | ISBN-10: 1720873879
  • | ISBN-13: 9781720873877
Author:
Mohammed Abafogi
Publisher:
Createspace Independent Publishing Platform
Publication Date:
Apr 15, 2018
Number of pages:
256 pages
Language:
Oromo
Binding:
Paperback
ISBN-10:
1720873879
ISBN-13:
9781720873877